Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Walgahiin Ummata Oromoo Magaalaa Otowwaa Kanadati Geggeefamte.

(Guraandhala 21, 2009) Walgahiin ummata Oromoo kutaa Kaanaadaa magaalaa guddittii tan taate magaalaa Otowwaa keessati haala hedduu owwaa taheen geggeeffame injifannoon xumurame. Walgahii kana kan kurfeessee Konyaa ABO Gishuu Jaarraa yemmuu tahu bifa seena qabeessa taheen haala yeroo ammaa QBO, ABOn gaggeessaa jiru  irratti ibsi bal’aan qondaalota ABO kutaa Kanadaatin kenname.

Walgahiilee naannawa  kanatti geggeeffaman keeysaa walgahii kana kan kophaa wanni godhu, yeroon walgahichi kun itti taa’e yeroo ABOn rakkoolee adda addaa tanneen diinaa fii ayyaan laallattootan irrati aaggaammatame injifannoon irra aanee QBO fuul dura furgaasaa jiru  tahuu isaati.

Hirmaattonni walgahii kanarraa qooda fudhatan ibsi kennameef quubsaa fii gaaffiile gaafatamaniis bifa miidhagaadhan deebifamanii akka turan mirkaneessanii jiran. Walgahicha kana akka bikka hin geenyef  Bubuutun murna dhihoo kana dhaaba irraa fottoqee tattaaffatanillee tattaaffin isaan godhan bu’aa tokko malee fashalee turuun beekkame.

Walgahii yeroo dheeraa fudhate kana kan haalli QBO yeroo ammaa irra jiru, adeemsa qabsoo keessatti rakkoolee uumamanii fii haala kamiin furmaatni akka itti kenname ibsi ifa kennamee gaafiilen gaafataman deebi argatan booda mariin bal’aan hirmaattotaan geggeeffamee ture.

Mariilee godhaman kana keeysaa shira keessaa fii alaan QBO xaxaa jiru irraa dammaqiinsan uf eeganii QBO finiinsun barbbaachisaa akka tahe hubachiisan. Kana males yeroon amma jirru tun yeroo yoomirraa huu caalaa tokkummaa saba keenyaa tiksaa qabsoo finiinsun filmaata bira hinqabne tahuu hubachiisan. 

Akkasumaas  roorroo  mootummaa wayyaanetiin Ummata keenya irra gahaa jiru saaxiluun, bikka jirruti dura dhaabbachuun dirqama lammii Oromoo maraa tahuun ibsame.

Gurraandhala 21, 2009

Magaalaa Otowwaa
Kanadaa

Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net